Magaalota naannichaa sadarkaa guddina adda addaa irra jiran 9 hogannuun ceehumsa fi guddina diinagdee naanichaa keessatti gahee isaanii bahuun fakkeenya badhaadhinaa akka ta'aniif hojjecha jira.
Magaalota
Magaalota
Magaalota
Magaalota
Magaalota
Magaalota
Magaalota
Magaalota
Magaalotaa Naannoo Oromiyaa hammayyeessuu fi misooma saffisiisuun jiruu fi jireenya uummataa fooyyessuu.
Bara 2022tti, jiraattonni magaalotaa Oromiyaa diinagdeen fooyya'anii gara biyyoottan galii giddu galeessaaa qabanitti ce'an arguu.
Jijjiirama dhaabbilee keessatti akka dhufuuf damee dhuunfaa dabalatee qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun.
Carraa hojii bal'aa guddina Naannoo keenya gumaachu uumuu.
Bu'uuraalee misoomaa fi tajaajila sadarkaa guddina biyyaa saffisiisuuf murteessaa ta'e misoomsuu fi babal'isuu.
Magaalota Nageenya, Qulqulluu, Mijaatuu fi indaastirii ijaarsaan dorgomaa fi jireenyaa Hawwaasaaf hawwaattuu fi mijaatuu tatee uumuu.
Bara 1985tti, Mootummaan cehumsaa hundaa'ee, Heerri Saba sab-lammoota fi Ummatoota Itiyoophiyaa erga ragga'een booda naannoleen ofiin of-bulchuu yeroo jalqaban irraa eegalee Biirolee qaama raawwachiiftuu naannoo Oromiyaatti hundaa'an keessaa tokko Biiroo Hojii fi Misooma Magaalaa Oromiyaati. Biiroon kun bara1986tti sadarkaa Naannoo, Godinaa fi Magaalotaatti caasaa hojiif barbaachisuu diriirsuudhaan hojjeta kan ture yoo ta'u; bara 1995tti immoo yeroo qaamoleen raawwachiistuu Mootummaa Naannichaa foyyeessun irra deebiin gurma'uu maqaa Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa jedhuun akka hundaa'uu ta'e jira.
Bara 1996tti, yeroo gurmaa'insi haaraan qaama raawwachiiftuu Mootummaa Naannichaa irra deebiin adeemsifamee tureetti, maqaa Biiroo Daldalaa, Induustirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa jedhuun bifa haarawaan gurmaa'ee damee deeggersaa fi Misooma magaalaa qajeelcha sadii qabuun hanga jalqaba bara 1998tti hojjechaa tureera.
Fulbaana bara 1998 irraa eegalee immoo seektarri Daldalaa fi Induustirii yeroo irra bahanii of danda'ee gurma'uun, maqaa Biirichaa maqaa Biiroon Hojii fi Misooma Magaalaa duran tureen irra deebi'ee akka gurma'u ta'eera. Manni hojii Abbaan Taayitaa Diizaayinii fi konistiraakshinii ta'ee dhaabbatee tures diigamee, Biirichatti akka makamu ta'e ture. Kana malees, Abbaan Taayitaa Daandii Baadiyyaa Oromiyaa fi Inistiitiyuutiin Plaanii Magaalaa itti waamaamni isaanii Biirichaaf akka ta'u murta'ee ture. Kana malees, Waajjirri Pirojektii Misooma Manneenii Magaalaa Adaamaatti hunda'e ture hanga maqaa Inteerpirayizii Ijaarsa Oromiyaa jedhun of-danda'ee gurma'eetti itti waamaama isaa Biiroof ture.
Bu'uura Labsii lakk. 170/2004'n Biirichi cee'umsa diinagdee qonnaa irra gara induustiriitti taasifamu akka milkeessuuf, maqaa Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa jedhuun irra deebiin kan gurma'ee yoo ta'u, itti wamamni seektarotaa magaalaas biirichaaf akka ta'u murta'ee ture. Bara 2008, labsii Lakkoofsa 199/2008, bara 2011tti labsii lakkoofisa 213/2011 fi bara 2014ttis labsii 242/2014'n maqaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa jedhamun kan gurma'e hojiiwwan misooma magaalota naannocha giddugala badhaadhina akka ta'aniif hoggana xiyyeeffannoo olaanaan hojjecha jira.
Akkuma arman oliti ibsameetti BMMMO bu'uura Labsii lakkoofisa 242/2011'n magaalota irra deebiin gurmeessen sadarkaa Meetropoolisii 1, Riijoopoolisii 3, Muummee 4, Olaanaa 15, Giddugaleessa 10, Guddattuu 19, Mana Qopheessa 237 fi Mana Qopheessa Guddattuu 443 akkasumas caasaa WMMM Godina 21 itti waamaamni isaanii naannoof ta'e hoggana jira. Magaalonni sadarkaa Meetiropoolisii hanga Muummeetti jiran, kutaa magaalaa fi isaa gaditti immoo bulchinsa gandaa hammataani akka gurma'aan ta'e jira. Magaalonni Olaanaan immoo bulchinsa gandaa of-jalatii qabatanii akka gurma'an ta'eera. Walumagalaatti, BMMMO magaalota naannichaa qaama seerummaa qabanii fi sadarkaa guddina adda addaa irra jiran 732 hogannuun ceehumsa fi guddina diinagdee naanichaa keessatti gahee isaanii bahuun fakkeenya badhaadhinaa akka ta'aniif hojjecha jira.